Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) – Alaabaa mallattoo bilisummaa fi birmaddummaa keenyaa ta’e ol kaasnee kabajuun nu boonsaa jira jedhan hawaasni garaagaraa Faanaa Dijiitaaliif yaada kennan.Guyyaan Alaabaa 19ffaan mata-duree “Alaabaan keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa keenyaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraatiin kabajameera.Alaabaan Itiyoophiyaa Adwaa irraa eegalee hanga har’aatti mallattoo bilisummaa fi birmaddummaa biyyattii ta’uu namoonni yaada kennan ibsaniiru.Biyya keessaa fi alatti damee adda addaarratti kan argamnu ta’us, olka’iinsa Itiyoophiyaatiif waliin dhaabbachuu qabna jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.Alaabaan mallattoo yaad-rimee biyya tokkoo fi calaqqee seenaa ta’uu kan ibsan namoonni yaada kennan kunniin, alaabaan Itiyoophiyaa faajjii bilisummaa Afrikaatiif karaa saaqe ta’uu isaas kaasaniiru.Alaabaan keenya seenaa waloo keenyaa, mallattoo birmaddummaa fi bu’uura tokkummaa keenyaatis jedhan.Garaagarummaa keessatti tokkummaa keenya cimsachuun, nageenyaa fi badhaadhina waloof tokkummaan dhaabachuun biyya keenya gara olka’iinsaatti geessuuf hojjechuu qabna jechuunis hubachiisaniiru.Kanaafuu, har’a alaabaa keenya ol kaasnee yeroo fannifnu, Itiyoophiyaa bor badhaate fi nageenyi ishee mirkanaa’eef abdii haaraa qabaanna jechuun yaada isaanii ibsaniiru.#Itiyoophiaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaaImmabeet Sisaayiin