Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2019 (FMC) – Dhaabbanni ragaa haala qilleensaa dandeettii guddaa qabu miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Inistiitiyuutii Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru. Dhaabbata raaga haala qilleensaa dandeettii guddaa qabuufi odeeffannoo duraa kennu ijaaramuun miidhaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisu hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Dhaabbilee akka kanaaf xiyyeeffannoo guddaan kennamuufiin dandeettiin isaanii cimuu baannaan miidhaan qaqqabsiisuu malan olaanaa ta’uus eeraniiru. Hongee bara 1987 Itiyoophiyaatti mudateefi Eelniinoon yeroo ammaa akka fakkeenyaatti kaasanii, taateewwan lameen sadarkaa raagaatti dhiibbaafi miidhaa walitti dhiyeenya qabu qaqqabsiisuu kan danda’an ta’uu eeraniiru. Dandeettiin dhaabbatichaa cimaa dhufuufi odeeffannoo waqtaawaa kennuun mootummaan dursee akka qophaa’uu gochuun miidhaa qaqqabu hir’isuu danda’uun ibsaniiru. Odeeffannoo raaga haala qilleensaa dursee argameen dursamee qophaa’uuf carraan waan argameef, raagni waqtii Gannaa bara kanaa karoorfame fi bu’aan oomisha midhaanii jajjabeessaa ta’uus kaasaniiru. Odeeffannoo irratti hundaa’uun karoorsuufi hojiilee bu’aa qabeeyyii hojjechuuf dhaabbilee akka Inistiitiyuutii Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa barbaachisoo ta’uu ibsaniiru. Malkaam Fiqaaduun. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa