Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa baga ayyaana Iid Al-Adhaa geessanii dabarsan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 18, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa ayyaana Arafaa waggaa 1447ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.Ibiraahiim Nabiin ajaja Rabbiin ilma isaanii aarsaa gochuuf kan itti qopheessan fi jabinni isaanii qoramee kan itti mo’atan ayyaana ce’umsaa, ajajamuu fi aarsaati jedhan.Ayyaanicha yoo kabajnu jireenya gaarummaa, ajajamuu, gaarii gochuu fi garrraamummaa jiraachuun ta’uu akka qabus yaadachiisan.Haaluma walfakkaatuun biyyi kan jabaattee dhaabattu aarsaa kaffaluu fi wal harkaa fuudhiinsa dhalootaan ta’uu hubachuunjaalala onneerraa maddeen biyya keenyaaf aarsaa barbaachisu kaffaluun jabaachuu fi ce’uun lammii hunduma irraa akka eegamu hubachiisaniiru.Ayyanichi jalbultii filannoo waliigalaarratti kan kabajamu ta’uu eeranii, hawaasni Musliimaa hundi seenaa sirna mootummaa biyyaa ijaaruu keessatti qabu akka itti fufsiisu waamicha dhiyeessaniiru. #Oromia #Ethiopia