Hojiileen hojjetaman badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu ragaa ba’u – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Hojiileen misoomaa waggoottan shanan darban keessa raawwataman badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu ragaa ba’u jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.Kantiibaa Adaanech Abeebeen har’a mata duree ‘dargaggoon haa filatu, Itiyoophiyaa haa badhaatu’ jedhuun Paarkii Indaastirii Galaan Guraatti dargaggoota waliin sagantaa duula nafiladhaa gaggeessaniiru.Rakkoo darggootaa haasa’uurra guyyaan sa’aatii 24, torbeen guyyoota 7 hojjechuun rakkichaaf deebii kennuuf hojjetamaa jedhan Aadde Adaanech saganticharratti ergaa dabarsaniin.Iddoo fayyadamummaan dargaggoota itti mirkanaa’e keessaa tokko kan ta’en Paarkii Indaartii Galaan Guraattii dargaggoota kuma 70 ol ta’an waliin sosochii Ispoortiin sagantaa duula nafiladhaa gaggeessineerra jedhan.Hojiileen misoomaa waggoottan shanan darban keessa raawwataman badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu ragaa ba’u jechuun ibsan.Hundaa ool biyyi kan ijaaramaa jirtu dargaggootaaf ta’uu hubachiinsan.#Oromia #Ethiopia