Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffama.Akkaataa Heera Mootummaa Federaalaawaa Diimokiraatawaa Rippaablika Itiyoophiyaa keeyyata 38tiin Lammiin Itiyoophiyaa kamiyyuu, bifaan, sanyiin, sabumman, sablamummaan, saalaan, qooqaan, amantiin, siyaasaan yookiin ilaalcha biraatiin yookiin eejjennoo biraa irratti kan hundaa’e, garaa garummaan osoo irratti hin taasifamiin, bakka bu’oota kallattiifi bilisaan filateen dhimma bulchiinsa uummataarratti himmaachuu qaba.Kana jechuun mirga ummanni karaa bakka bu’oota isaan filatamaniin of bulchuuti.Heerri mootummaa Itiyoophiyaa keeyyanni 38 lammiileen Itiyoophiyaa mirga dabalataa adeemsa filannoo diimokiraatawaa keessatti qaban tartiibaan kaa’eera.Mirgi filachuu fi filatamuu, akkuma Heerri Itiyoophiyaa mirkaneessetti, filataan tokko paartii ykn kaadhimamaa filate dhoksaan filachuuf mirga akka qabu tumameera.Mirgi kun Boordii Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa (mootummaa) irratti dirqama haala naannoo fi teeknikaa filattootni dhoksaan sagalee isaanii akka laataniif hayyamu kennuuf kaa’a.Isin hoo filannoo waliigalaa 7ffaaf qophooftanii! Filachuun biyya ceesisaa!#Oromia #Ethiopia