Dirqama bakka bu’aa Kaadhimamaa…

Wait 5 sec.

Dirqama bakka bu’aa Kaadhimamaa…1. Ajaja raawwachiisaan filannoo kennu kabajuu,2. Hojiiwwan adeemsa filannoo jeeqan irraa of qusachuu,3. Qaama dhimmi ilaallatuun yeroo gaafataman waraqaaeenyummaa agarsiisuu,4. Seera filannoo kabajuu,5. Wayita adeemsi filannoo raawwatamu, filattoonni eenyu akka filatan irratti yaada kennuu ykn filattoota irratti dhiibbaa uumuuf yaaluu hin qabu.6. Meeshaalee filannoo kamiyyuu kaasuu, tuquu, qaqqabachuu,gocha meeshaalee filannoo irratti miidhaa geessisan kamiyyuu raawwachuu hin qabu.7. Raawwachiisaa yookaa hojjetaa buufata filannoo sodaachisuu yookaa gochawwan hojii isaa gufachiisan irraa of qusachuu,8. Gara Buufata filannoo sagaleen itti kennamuu seenuu hin qabu,9. Dambii naamusaa Boordiin baase mallatteessuu fi kabajuu qaba.