Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Sagalee keenya kennuuf guyyaa filannoo hawwiin eegaa jirra jedhan Jiraattotni Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiichee.Sagaleen keenya gatii guddaa waan qabuuf,Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf qophii taasisaa jirra jedhan.Filannoon guddina biyyaa itti fufsiisa, birmadummaa biyyaa mirkaneessa waan ta’eef sagalee keenya kennuun misoomni biyyaa akka itti fufu taasisa jechuun ibsan.Mootummaa bakka isaan bu’u filachuuf guyyaa filannoo hawwii guddaan eegaa jiraachuu eeran.Egereen biyyaa kan mirkanaa’uu karaa filannoo qofa waan ta’eef, lammiileen biyyattii hundi sagalee isaanii kennuun,guyyaa filannoo si’oominaan hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.Faxxanaa Zawudeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia