Finfinnee, Caamsaa 22, 2018 (FMC) – Nageenya ardiifi naannawaan ala misoomaafi guddina amansiisaa mirkaneessuun hin danda’amu jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.Itiyoophiyaafi Moozaambiik waliigaltee tumsa loltummaa cimsuuf Kanaan dura waliif mallatteessan gara boqonnaa olaanaatti ceesisuuf mari’ataniiru.Jilli Itaamaajoor shuumii Waliigalaa Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Siisaantoosiin durfamu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin mari’ateera.Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana biyyoonni lameeni hariiroo seena qabeessa akka qaban kaasanii, hariiroon biyyoottan lameenii qajeeltoo Paan-Afrikaaniizimii kan ta’an tokkummaafi cichoomina irratti akka hundaa’e eeraniiru.Yeroo dhiyoo asitti hariiroon biyyoota lameenii gara boqonnaa olaanaatti cehuu ibsuun, michummaan biyyoota lameenii jabaachuun nageenyaafi tasgabbii naannawichaa eegsisuuf faayidaa olaanaa waan qabuuf cimee itti fufuu qaba jedhan.Nageenya ardiifi naannawaa amansiisaan ala misoomaafi guddina mirkaneessuun akka hin danda’amnes ibsaniiru.Shororkeessummaa ittisuu, nageenya saayibariifi dameewwan tumsaa biroo irratti qindoominaan hojjechuun nageenyaafi tasgabbii ardiifi naannawaa mirkaneessuuf biyyoonni lameen waloon dhaabbachuu akka qabanis hubachiisaniiru.Itaamaajoor shuumii Waliigalaa Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Siisaantoos gama isaaniin, biyyoonni lameen tumsawwan loltummaa garaagaraa irratti waloon hojjechuun nageenyaafi tasgabbii ardichaafi naannawaa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeruu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia