Itiyoophiyaan torban har’aa cidha guddaa qabdi!

Wait 5 sec.

Cidha jabaan carraa biyyaalessaa murteessuuf daabaltoota waliin qopha’aa jirti.Itiyoophiyaan Filannoo Waliigalaa 7ffaa keessumeessuuf guyyoota murteessaa keessa jirti.Sagalee kennuuf kan hafu torban tokko qofa waan ta’eef, uummanni hundi qopha’aa jira.Torban kana keessatti, sirni filannoo haala qindoomina qabuun akka xumuramu boordiin filannoo fi hawaasni waliin hojjechaa jiru.Uummanni sagalee kennuurratti hirmaachuu qofa osoo hin taane, sagalee isaa sirnaan fayyadamuufi itti gaafatamummaa isaa bahachuu irratti xiyyeeffachuu qaba.Kunis diimokraasii biyyattii dagaagsuuf bu’uura guddaadha.Filannoo kanarratti maanguddoonni, dubartoonni ulfaa, haadholiin daa’imman qabatan, akkasumas namoonni qaama miidhamtoota ta’an dursa argachuun sagaleesaanii kennuu qabu.Akkasumas miseensonni Raayyaa Ittisaafi Poolisii uffata seeraa uffatan haala addaan dursa ni argatu.Kunis filannoo hundaaf haqa qabeessafi hunda hammataa ta’e mirkaneessuufi.Sagaleen tokkoon tokkoo namaa murteessaa waan ta’eef, uummanni hojii filannoo kana keessatti gahee isaa bahachuun dirqamafi itti gaafatamummaa isaa hubachuu qaba.Yeroo murteessaa kanatti tasgabbiifi tokkummaa waloomaan hirmaachuun barbaachisaadha.Filannicha milkaa’inaan xumuruuf tattaaffii mootummaa qofa osoo hin taane, hirmaannaa hawaasaa bal’aa barbaada.Finfinnee dabalatee naannolee hundatti, uummanni sagalee isaa fayyadamee biyyasaaf wabii ta’uu qabatamaan ni mirkaneessa.Guyyaa gammachuu hawwiin eegamuu kanaaf qophooftaanii?Gammachiis Taarikuutiin#Oromia #Ethiopia