Hawaasni Musliimaa ayyaana Iid Al Adahaa wayita kabaju duudhaa Islaamummaa eeguun kabajuu qaba – Mana Marichaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Hawaasni Musliimaa ayyaana Iid Al Adahaa(Arafaa) wayita kabaju duudhaa Islaamummaa eeguun kabajuu qaba jedhe Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.Manni marichaa Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1447ffaa Roobii dhufu kabajamu ilaalchisee ibsa kenneera.Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraataan hundi baga Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1447ffaan isin gahe jedhan dursaa Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abduulkariim Sheek Badiraddiin.Hawaasni Musliimaa ayyaanicha wayita kabaju walgargaaruu, waltumsuu fi waloomaan akkaataa duudhaa Islaamummaa eegeen akka kabajan waamicha dhiyeessan.Ayyaanichi ayyaana yaadannoo amanamummaa, wareegamaa fi obsa Nabiyyuullaahii Ibraahiim waan ta’eef hawaasni Musliimaa duudhaa amantichaa eeguun akka kabajan manni marichaa gaafateera.Namoota harka qalleeyyii, daa’immaan maatii hin qabnee fi namoota dhibee garaagaraaf saaxilamanii jiran gaafachuu fi deeggaruun akka kabajan hubachiisee ibsa isaan.Nageenyaa fi tokkummaa ummattootaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu eere.Hawaasni Musliimaa filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuu fi filannichi karaa nagaa fi tasgabbii qabuun akka xumuramuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessera.#Oromia #Ethiopia