Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Ergama kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa miira Itiyoophiyummaafi uummattummaan akkasumas ogummaa loltummaan raawwachuun barbaachisaadha jedhan Itti aanaan Itaamaajoor shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.Giddugala kabachiisa nageenyaatti Manni Barumsaa Leenjii Kontiinjantii Huursoo leenjifamtoota kabachiisa nageenyaa marsaa 20ffaa guyyaa har’aa eebbisiiseera.Jeneraal Ababaawu Taaddasaa wayita kana eebbifamtoonni ergama isaanitti kenname gahumsaan raawwachuun duudhaalee gaarii raayyichaa bu’uureffachuun kutaalee hawaasaa walitti bu’iinsotaan miidhaman eeguu akka qaban hubachiisaniiru.Qooda nageenya addunyaa keessatti bahatteef maqaan Itiyoophiyaa qalama cululuqaan akka barraa’e yaadachiisanii, beekamtiin ayyaana hundeeffama waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii irratti kennameef kanaaf agarsiistuu ta’uu dubbatan.Ergamni kabachiisa nageenyaa sadarkaa idil-addunyaa, ardiifi naannawaatti guddachaafi walxaxaa ta’aa akka dhufes ibsaniiru.Kunis nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin kallattiin walitti hidhamiinsa uumaa waan dhufeef qophaa’ummaafi gahumsa olaanaan ergama isaanii akka bahatan hubachiisuu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia