Sirna geejjibaa diinagdee magariisaa deeggaru ijaaruuf hojjetamaa jira- Dooktar Alamuu Simee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Sirna geejjibaa diinagdee magariisaa deeggaru ijaaruuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.Konkolaattota elektirikaa babal’isuufi damee geejjibaa ammayyeessuuf kan qophaa’e tarsiimoofi hammattoon hojiirra oolmaa konkolaattota elektirikaa biyyaalessaa ifoomeera.Dooktar Alamuu Simee wayita kana waggoottan darban sirna geejjibaa magariisaa, cimaafi si’ataa ijaaruuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.Furmaatawwan geejjibaa naannawaaf mijataa ta’an beeksisuunis guddinni jajjabeessaan galmaa’uu kaasaniiru.Tarsiimoon kun guutuu biyyattiitti sosochii elektirikaa saffisiisuuf roodmaappii ta’uu, sirna to’annoofi imaammataa, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa akkasumas geejjiba uummataa gara elektirikiitti jijjiiruufi hirmaannaa damee dhuunfaa akka hammatu eerameera.Konkolaattota elektirikaa beeksisuurra darbee sirna geejjibaa ammayyaa ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasanii, quqlullina magaalaaf, fayyaaf, nageenya inarjii fooyyessuufi diinagdee magariisaaf carraa guddaa akka uumu ibsaniiru.Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal gama isaaniin, imaammanni misooma indaastirii Itiyoophiyaa geejjiba konkolaattota elektirikaa akka deeggaru dubbataniiru.Tarsiimoon ifoome kunis naannawaa oomishaa, ce’umsa teeknooloojii, invastimantiifi carraa hojii uumuu jajjabeessa jedhaniiru.Taammiraat Dalaliitu gabaase.#Oromia #Ethiopia