Sosochii ummataa boru Addabaabayii Masqalaatti taasifamu hordofee daandiwwan cufaman ifooman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Qajeelchi waliigalaa Poolisii magaalaa Finfinnee s)osochii ummataa boru Addabaabayii Masqalaatti taasifamu hordofee daandiwwan cufaman ifoomseera.Haaluma kanaan barii sa’aatii 10:00 eegalee hanga sagantichi xumuramutti:- Daandiin Suuppar Maarkeettii Baambisii gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu, Ibsaa Addabaabayii Uraa’eeliitti,Gootaraa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Agoonaa Siinimaatti, Caffee Aannanii gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Ibsaa Laga Harreetti, Baankii Daldalaa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Teeleetti, Birbirsa Gooroo gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Hoteela Harraambeetti, Daalaattii gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, masaraa biyyaalessaatti, Boolee gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,Olompiyatti kan cufamu ta’uu ibseera.#Oromia #Ethiopia