Badhaadhinni aangoo mootummaa qabadheera jedhee karaa biraa aangoo isaa itti fufsiisuuf hin hojjetu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 18, 2018 (FMC) – Badhaadhinni aangoo mootummaa qabadheera jedhee karaa biraa aangoo isaa itti fufsiisuuf hin hojjetu jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinneefi miseensi koree Hojii Raawwachiistuu Paartichaa aadde Adaanech Abeebeen.Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti sagantaa duula nafiladhaa isa xumuraa guyyaa har’aa gaggeesseera.Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana ergaa dabarsaniin, miseensonniifi deeggartoonni Paartii Badhaadhinaa filachuuf qophaa’uun aangoo filannoo qofaan qabachuun akka danda’amu mirkaneessaniiru jedhan.Aangoon humnaan kan argamu osoo hin taane uummanni sagalee isaan kan kennu ta’uu eeruun, filannoon diimokiraasiin akka mirkanaa’u fi hojiilee misoomaa itti fufsiisuuf akka dandeessisu dubbataniiru.Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Mogas Baalchaa gamasaaniin, paartichi waggoottan shanan darban keessa hojiilee yaadama isaa qabatamaan mul’isan hojjechuu yaadachiisaniiru.Hojiileen misoomaa magaalichatti hojjetaman yaadama paartichaa kan agarsiisaniifi bu’aa sagalee miseensotaafi deeggartoota isaa dabalatee filattoonni filannoo marsaa 6ffaan kennanii ta’uu ibsaniiru.Hojiilee misoomaa kanneen itti fufsiisuuf Filannoo Waliigalaa 7ffaaf duula nafiladhaa gaggeessaa akka tures kaasaniiru.Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.#Oromia #Ethiopia