Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon warshaa oomisha Seeraamikaa Giraandiyur magaalaa Mojootti ijaarame eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.Warshichi lafa Kaaree Meetira kuma 300 irratti kan ijaarame yoo ta’u, baatiwwan sagal keessatti xumuramuun tajaajila eegale.Warshaan seeraamikaa Giraandiyur oomishaalee seeraamikaa ulaagaa idil addunyaa guutan kan dhiyeessu yoo ta’u, galteewwan meeshaalee dheedhii warshichaaf oolaan % 80 ol naanniwichumatti argama.Ammaaf oomisha Seeraamikaa hammi isaa 60×60 ta’e bal’inaan oomishuu kan eegale yoo ta’u, baatiwwan lamaan itti aanaan keessa ammoo seeraamika hammi isaanii 80×80, 60×120, 70×140 fi 80×160 ta’an oomishaan eegama.Warshaan Birriin biiliyoonni 2 ol baasii itti ta’e kun imala ce’umsa Indaastirii Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan uumu ta’uu eerame.#Oromia #Ethiopia