Morkii ijibbaataa Itiyoophiyaa vs Moozaambiik…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii Waancaa Addunyaaf darbuuf har’a galgala Moozaambik waliin morkiin taasisu ni eegama.Waancaa Addunyaa Umurii 17 gadii Kuwaatar qopheessituuf biyyoonni Afrikaa 8 darbuu kan mirkaneeffatan yoo ta’u , biyyoonni 2 har’a galgala mirkaneeffatu.Hanga ammaatti Seenaa isaa keessatti Waancaa Addunyaaf yeroo tokkollee kan hin Itiyoophiyaa, tapha har’a Morookootti taphattuu seenaa haaraa hojjechuuf qophii gahaa taasifteerti.Morkii har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee taasifamuun Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa Seenaa haaraa dalaguu danda’a jedhamee abdiin eegama.Itiyoophiyaan har’a milkoofnaan Rippaablika Kooriyaa, Ikkuwaadoorii fi Niwuu Kaaledooniyaa waliin ramadamti.#Oromia #Ethiopia