Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 18, 2018(FMC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 55ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.Haaluma kanaan:-1.Manni marichaa jalqaba irratti kan mari’ate waliigalteewwan deeggarsaafi liqii faayinaansii lama irratti. kan jalqabaa hojiirra oolmaa pirojektii fooyyessii nyaataafi haala jireenyaa horsiisee bultootaaf oolu Baankii Misooma Afrikaa irraa waliigaltee Doolaara miiliyoona 46 fi kuma 300 irratti.Kan lammaffaa hojiirra oolmaa pirojektii seeftiineetii boqonnaa jahaffaaf kan oolu Waldaa Misoomaa Idil-addunyaa irraa waliigaltee SDR Miiliyoona 100 fi miiliyoona 46 fi kuma 100 irratti.Manni marichaa waliigalteewwan kunneen imaammata bulchiinsa liqaa biyyattii waliin kan walsiman ta’uu mirkaneessuun wixineewwan waliigaltee liqaa kunneen Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka dabarfamaniif sagalee guutuun murteesseera.2.Manni Marichaa itti aansuun wixinee labsii bulchiinsa taaksii federaalaa fooyyessuuf dhiyaate irratti mari’ate.Labsiin bulchiinsa taaksii lakkoofsi 983/2008 bahee ittiin hojjetamaa kan ture ta’us biyyattiitti waggoottan darban keessa jijjiiramoonni diinagdee hedduun waan raawwatamaniif sirna bulchiinsa taaksii muuxannoowwan idil-addunyaa yeroo ammaa waliin walsimsuuf, waliigaltee dhabuu taaksii karaa haqa qabeessa, nagaafi ariitiin furuu fi hojimaata itti gaafatamummaafi iftoomina qabu mirkaneessuuf akkasumas seerota taaksii raawwachiisuuf wixinichi qophaa’eera.Manni Marichaas wixinee labsii kanarratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.3.Manni marichaa wixinee labsii dhaabbata biiznasii qonnaa irratti.Damee qonnaa hojimaata baratame keessaa gara sirna biiznasiin durfamuutti ceesisuuf, dandeettii gabaa amansiisuu oomishtoota xixiqqoo guddisuuf, sona dabaluufi walitti hidhamiinsa galtee indaastirii uumuuf, dandeettii fooyya’aa kan qaban ce’umsa gara gidugaleessaatti taasisan seeraan deeggaruuf, wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuuf hammattoo seeraa ta’ee akka tajaajiluuf wixineen kun qophaa’ee dhiyaateera.Manni marichaas wixinee kanarratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.4.Manni Marichaa wixinee labsii gabaa kaarboonii Itiyoophiyaa irrattis mari’ateera.Tarsiimoo gabaa kaarboonii Itiyoophiyaa gara hojiitti hiikuuf, invastimantii magariisaafi ce’umsa teeknooloojiif haala mijataa uumuuf, hojimaatileefi adeemsota bittaafi gurgurtaa kaarboonii murteessuuf, hawaasaafi naannawaa pirojektiin kaarboonii jirurra miidhaan akka hin geenye hojimaatilee diriirsuuf, hojiimaata galii kaarboonii irraa argamu mootummaa, misoomsitootaafi hawaasa naannawaa akkasumas qaamolee qooda fudhattoota gidduutti karaa haqa qabeessaan qooduuf dandeessisu diriirsuufi waliigalteewwan idil-addunyaafi waadaawwan Itiyoophiyaan gadi lakkifama gaazota ho’a of keessatti qabatanii hir’isuufi warreen kaan waliin tumsaan bahachuuf seenteef hammattoo seeraa ta’ee akka tajaajiluuf wixinichi qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera.Manni Marichaas wixinee labsii kanarratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.5. Wixineen Labsii Istaatistiksii Itiyoophiyaa dhimma biraa manni marichaa irratti mari’ateedha.Bilisummaa ogummaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa mirkaneessuuf, qooda hojii fi hojimaata qaamolee to’ataa fi raawwataa bifa ifa ta’een gargar baasuuf, tumsa oomishtoota istaatistiksii ofiishaalaa hunda gidduu jiru cimsuuf, iccitummaa ragaalee eeguuf, qulqullina bu’aalee istaatistiksii fooyyessuuf, dandeettii dhaqqabummaa isaanii mirkaneessuu fi hojimaatawwan biyyoolessaa fi qajeeltoowwan sadarkaa istaatistiksii idil-addunyaa waliin wal-simsiisuuf akka dandeessisutti wixineen labsii kun qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada dabalataa itti kennuunMana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.6. Manni Marichaa Wixinee Imaammata Inarjii irratti yoo ta’uu,Imaammatichi riifoormii diinagdee mandhalee , karoora misooma waggaa kudhanii ,tarsimoo misooma diinagdee fi imaammata biroo wajjiim walsimee dhiyeessii inarjii biyyattii gatii muraasaan misoomsuun Inarjii itti fufiinsa, amanasiisaa, nageenyi isaa eegame,gatii madalawaa fi dorgomaa akka jiraatuufi fayyadamummaa lammiilee mirikaneessuuf akka dandeessisu wixinichi qophaa’ee Mana Marichaaf dhiyaateera.Manni Marichaa Imaammaticharratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwaniin dabaaluun Manni Marichaa guyyaa raggasiseerraa eegale hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun murteesseera.7. Manni Marichaa kan mari’ate . wixinee imaammata Dubartoota gahoomsuu fi Walqixxummaa Sirna koorniyaa irratti.Imaammatichi Sirni koorniyaa walmadaaluu dhabuun fi dhimmoota biroof ciyyeeffannoo gahaa kennuuf ,haleelllawwaan koorniyaarratti xiyyeeffatanii sirnaan ittisuufi eegumsaaf deebii kennuuf , dubartoota qaama miidhatoota xiyyeeffannoo adda barbadaaniif xiyyeeffannoo kennuufi Dubartoota rakkoolee garagaraaf saaxilamoo ta’aniif deebii gahaa kennuuf akka dandeessisuuf waliigatleewwan Idil addunyaa fi Itiyoophiyaan simate waliin walsimsiisuun wixinichi qophaa’ee dhiyaachuu Mana Marichaaf dhiyaateera.Manni Marichaa Wixinnee imaammaticharratti gadifageenyaan erga mari’atee booda galteewwan dabaaluun guyyaa manni marichaa raggasiseerraa eegale hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.8. Itti fufee Manni Marichaa kan mari’atee Wixinee labsii Inshuraansii irratti.Amanamummaa Inshuraansii gabaa cimsuuf, haqummaa, nageenyi isaa kan mirkanaa’e, fi Ishuraansiin gaba atasghabbii qabu akka jiraatuufi gabaa Inshuraansii to’achuufi dursuuf kan dandeessisu hammattoo seeraa ta’ee akka tajaajilu Wixineen labsii qophaa’uun Mana Marichaaf dhiyaateera.Manni Marichaa Wixinnee labsicharratti mari’achuun galteewwan dabaaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbuu sagalee guutuun murteesseera.9. Manni Marichaa Wixinee Imaammata Daldala Itiyoophiyaarrattis mari’ateera.Sirna Daldalaa biyyaa keessaa fi idil addunyaa sirnaan hogganuuf, hanqinaalee gabaa jiran furuufi hanqinaalee guutuuf tattaaffii taasifamu cimsuuf, hirkatummaa biyyattiin oomishaalee biyya alaarratti qabdu hir’isuun, dorgomtummaa oomishaalee dabaluuf, ulaagaalee nageenya oomishaalee baasuuf, fi sirna daldalaa seera qabeessaa diriirsuuf dorgomtummaan Indaastirii biyyaa keessa akka guddisaniifi hudhaalee damichaa furuuf wixinichi qophaa’e Mana Marichaaf dhiyaateera.Manni Marichaas Imaammaticharratti mari’achuun galteewwan dabaaluun guyyaa manni marichaa raggaasiseerraa eegale hojiirr akka oolu murteesseera.10. Manni marichaa kaayyoo, aangoo fi hojii Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inerjii murteessuuf wixinee labsii fooyya’iinsaa dhiyaate irratti mari’ateera. Abbaan taayitichaa hojii fi itti gaafatamummaa seeraan kennameef bifai ga’umsa qabuun akka bahatuuf wixineen fooyya’iinsa labsii kun qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaas bal’inaan erga mari’atee booda, yaada yaada galtee itti dabaluun, labsiin kun guuyyaa gaazeexaa Federaalaa Nagaariit irratti maxxanfamee bahe irraa jalqabee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murteesseera.11. Qaamolee seeraan mirgi namummaa kennameef odeeffannoo abbaa qabeenyummaa faayyadamoo ta’an iftoomsuuf wixinee labsii dhiyaate irrattis mari’ateera. Labsii maallaqa yookaan qabeenya gocha yakkaan argame seera qabeessa fakkeessanii dhiyeessuu fi shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu ittisuu fi to’achuuf bahe haala sirriin raawwachiisuuf akka dandeessisuuf wixineen labsii kun qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada dabaalataa galtee ta’u dhiyeessuun, labsiin kun guyyaa Gaazeexaa Nagariit Federaalaa irratti maxxanfamee bahu irraa jalqabee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murteesseera.12. Dhimmi manni marichaa irratti mari’ate kan biraan ammo wixinee labsii sirna nyaataa irratti. Dhiibbaa gadhee dhukkubootni hanqina sirna soorataan walqabatan fayyaa, barnoota, naannoo, oomishtummaa, hariiroo hawaasummaa fi diinagdee biyyaa irratti fidan hir’isuu fi balleessuuf hojiiwwan dandeessisan raawwachuuf, caasaa sadarkaa biyyaalessaatti hojii kana qindeessu uumuuf; qabeenya bifa itti fufiinsa qabuun ramaduu fi hirmaannaa hawaasaa guddisuuf, biyyi keenya waadaalee idil-addunyaa galtee fi galma sirna nyaataa fi soorataa kaa’aman milkeessuuf akka utubaa seeraa ta’ee akka tajaajiluuf wixineen labsichaa qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada dabalataa galchuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.13. Dhuma irratti manni marichaa wixinee labsii deeggarsa baajataa mootummaan yuunivarsiitiiwwan ofiin of-bulchaniif kennamu raawwachiisuuf dhiyaate irratti. Deeggarsi baajataa yuunivarsiitii ofiin of-bulchuuf mootummaa irraa kennamu sirna deeggarsa baajata waliigalaa beekamaa irratti akka hundaa’u gochuuf, itti gaafatamummaa faayinaansii, haqummaafi bu’aa qabeessummaa mirkaneessuuf, qooda baasii ofii ofiin uwwifachuu yeroo gara yerootti guddisuuf, dhaabbilee gidduutti haala baruu-barsiisuu wal-madaalu, qulqullina tajaajilaa fi haqamummaa mirkaneesseen hojiiwwan itti gaafatamummaa guutuu qaban akka raawwatan dandeessisuuf wixineen labsii kun qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda yaada dabalataa galchuun, guyyaa Gaazeexaa Federaalaa Nagaariit irratti maxxanfamee bahe irraa jalqabee akka hojiirra oolu sagalee guutuun raggaasiseera.#PMOEthiopia