Finfinnee, Caamsaa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid Al-Adahaa kuma 1 fi 447ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.Waa’ee ayyaana Iid Al-Adahaa(Arafaa) wayita yaadnu wantootni sadii nutti jaadatamu jedhanii, isaaniis wareegama, abboomamuufi walgargaaruu akka ta’e eeraniiru.Ayyaanni Arafaa abbaan ilma isaa wareegaaf kan itti dhiyeesse, mucaan abboommii abbaa isaa itti raawwatee fi musliimonni duudhaa walgargaaruu addunyaaf itti ibsan waan ta’eef uummata muusliimaa biratti hiikaa guddaa qaba jedhan.Ismaa’el nabiyyuu Ibraahimiif mucaa isaanii jalqabaafi jaallatamaa ta’uu kaasanii, Allaah’n mucaa jaallatamaafi jalqabaa isaanii akka wareeganiifiif wayita gaafatu ni abboomaman malee gara booddeetti hin deebine jedhan ergaa isaaniin.Abboomamuuf kan yaalan wantichi salphaa ta’eefi miti jedhanii, wanta hanga mucaa gahu wareeguun salphaa akka hin tane ibsaniiru.Nabiyyuu Ibraahim haala rakkisaa kana keessatti dhugaan tokko ifuufii kaasanii, kaayyoo guddaan miira ofii, hamii namaafi fedhii firootaa caalu jiraachuu amananiiru jedhan.Kanaaf qormaata keessatti cimanii dhaabbatan, kutannoon isaaniis qabatamaan mul’ate jechuun ibsan.Biyyi kan ijaaramtu lammiilee faayidaa dhuunfaa gararraatti yaadaniifi fedhii dhuunfaa isaanii gararraatti raawwachuuf kutataniin ta’uu eeraniiru.Wayita lammiileen wanta jaallatan wareeguuf qophaa’an baay’atan biyyi ni jabaatti jedhanii, biyyi lammiileen ishee Ismaa’eloota isaanii kennuuf duubatti hin jenneen guutte jabduudha jechuun ibsan.Wantootni barsiifata godhanne, jaallannu, maallaqa keenya taasifanne hedduun jiru ; kaayyoon kanarra caalu garuu jira innis ‘Biyyaafi Birmadummaa’ jedhama jechuun eeraniiru.Biyyi kan ijaaramtu fudhachuurra kennuun; birmadummaan kan jabaatu qormaataan osoo hin kufiin dhaabachuun, raafamaan utuu hin jeeqamiin imaluu danda’uun akka ta’e kaasaniiru.Dhuguma Itiyoophiyaaf wayita darbu arguu barbaanna yoo ta’e fedhiin keenya qabatamaan haa mul’atu jechuun, gadadoon biyyaa yoo nu yaaddesse guddina isheef haa carraaqnu jedhan.Waanjoo hiyyummaa ishee goophesse baachuuf gatiittii keenya haa qopheessinu, gombisaan ishee akka guutuuf harki keenya biyyoo haa tuqu, bifti ishee daalachaa’e akka ifuuf halkaniifi guyyaa hojiif haa hiriirru, kabajni ishee jalaa fudhatame hanga deebi’utti gahee keenya haa bahannu, biyya jaallachuun keenya onneerraa yoo ta’e wareegamuuf hin mamnu jechuun dhaamaniiru.Ayyaanni Arafaa ayyaana abboomamuufi wareegamaa qofa osoo hin taane ayyaana walgargaaruufi waldeeggaruu akka ta’es kaasaniiru.Uummanni musiliimaa ayyaanichatti gammachuufi gadda isaa qooddachuun akka dabarsu kaasanii, ayyaanichi hiikkaa kan kennus uummanni musiliimaa wanta qabu waliif qoodee wayita kabaju ta’uu ibsan.Namoonni haala rakkisaa keessaa akka darbaniif furmaanni waliif yaaduufi walgargaaruun akka ta’e Arafaa irraa baranna jedhan.Biyyis qormaatilee ishee gararraa akka taatuuf duudhaaleen kunneen murteessaa ta’uu kaasaniiru.Arafaan ayyaana hawaasumaati kan jedhamuufis kanumaafi jedhanii, namoonni dhuunfaatti kan kabajan akka hin taane eeran.Walitti hidhamiinsiifi tumsi hawaasummaa nageenya lammiileefi biyyaaf murteessaa ta’uu kaasanii, walitti hidhamiinsi hawaasummaa waa’ee warra kaanii akka yaadnu, warra kaaniif akka hojjennu, fi warreen kaaniif gatii akka kaffallu nu taasisa jedhan.Nageenyii fi faayidaan hunda keenyaa kabajamuu baannaan kan dhuunfaa keenyaa qofa kabachiisuu akka hin dandeenye nu hubachiisa; kanaaf dirqama hawaasummaa akka dirqama lammummaatti fudhannee akka hojjennu nu godha jechuun ibsaniiru.Filannoon meeshaalee ijaarsa diimokiraasii dirqamawwan hawaasummaafi lammummaa ittiin bahannu keessaa isa ijoodha jedhanii, hirmaannaa uummataa malee dimookiraasiin akka hin milkoofne; filannoo malees hirmaannaan uummataa guutuu ta’uu akka hin dandeenye ibsaniiru.Jabinni bu’uura diimokiraasii keenyaa kan madaalamu hirmaannaa keenyaani kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, filannoon biyyaalessaa bara kanaa bu’uura sirni biyyaa keenya ittiin cimudha jedhaniiru.Shaakalli diimokiraasii keenyaa sadarkaa tokko kan itti guddatu, carraa waggoottan itti aananii biyya keenyaa ittiin murteessinu, hundarra carraa murteessaa manni maree sagaleen hedduun keessaa dhagahamu itti hundeessinudha jedhan ergaa isaaniin.Kanaaf ayyaanicha dirqama lammummaa keenya qofa bahachuuf osoo hin taane kaardii keenyaan mirga diimokiraasii keenyaa mirkaneessuuf qophaa’aa haa kabajnu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.#Oromia #Ethiopia