Mootummaan jijjiiramaa carraa misoomaa hundaaf kenne- Obbo Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018( FMC)- Mootummaan jijjiiramaa carraa misoomaa hundaaf kenne jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Obbo Shimallis Abdiisaan haasawa sagantaa eebba buufata xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa irratti taasisaniin, mootummaan jijjiiramaa waggoottan darban rakkoo hawaas-diinagdee bu’uurarraa furuuf kallattiiwwan misoomaa ifa ta’an qabatee hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.Hoggansa cimaa kennuun jijjiirama qabatamaa fiduun akka danda’amu mirkaneessuus kaasaniiru.Kallattii maraan keessattuu qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota karaa giddugaleessa godhateen carraawwan dameewwan qonnaa, albuudaa, indaastiriifi tuurizimiin jiran baasuuf akkasumas dhaloota haaraa diijitaalaaf karaa qopheessuun danda’uun sochii babal’aan taasifamaa jira jedhaniiru.Godina Boorana Bahaattis waggoottan darban carraawwan hedduun uumamuu eeruun, bu’uuraalee misoomaa garaagaraa guutuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.Mootummaan jijjiiramaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin hogganamu, fiixeerra kan ture gidduutti kan fidu, fagoo kan ture kan dhiyeessu akkasumas carraa misoomaa hundaaf kan kennedha jedhan.Kanaaf ammoo fakkeenyi guddaan hojiilee misoomaa godinichatti hojjetamaa jiran ta’uu ibsaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.#Oromia #Ethiopia