Uummanni Booranaa gargaaramtummaarraa baheera- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Waggoottaniif hongeef saaxilamaa kan ture Uummanni Booranaa gargaaramtummaarraa baheera jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Godina Boorana Bahaa aanaa Liibanitti wayita kilaastara misooma qamadii daawwatan akka jedhanitti, Uummanni Booranaa waggoota lama sadii dura hongee cimaan miidhamee akka ture yaadachiisaniiru.Kanarraa kan ka’e uummanni naannawichaa %90 ta’u seeftineetiin gargaaramaa akka ture eeruun, yeroo ammaa uummanni kaka’umsa mataa isaatiin naannawicha misoomsuun seenaa naannawaa isaa jijjiiruufi guutummaatti seefiineetii keessaa bahuu ibsaniiru.Bara kana aanaa Liibanitti lafti heektaarri kumni 200 fi kumni 50 qamadiin uwwifamuu kaasanii, bishaan gahaan yoo argame kanaa ol misoomuu danda’a jedhaniiru.Kunis ofirra darbanii oomisha gabaaf gahu argamsiisuu akka danda’u eeraniiru.Bakki waggoota muraasa dura gargaarsaaf dhufne haala Kanaan jijjiiramee arguu kootti hedduu gammadeera jedhanii, jijjiiramni kun bakkeewwan biroottis babal’achuu akka qabu ibsan.Jabaannee hojjechuun kadhaafi beela keessaa bahuu qabnas jedhaniiru.Amalawarqi Damisawun.#Oromia #Ethiopia