Mootummaan Boorana jijjiiruuf halkaniifi guyyaa hojjeta- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018( FMC)- Mootummaan Boorana jijjiiruuf halkaniifi guyyaa hojjeta jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawa sagantaa eebba buufata xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa irratti taasisaniin, Uummanni godinichaa waggoota hedduuf rakkoo bu’uuraalee misoomaan rakkachaa akka ture yaadachiisaniiru.Rakkoo uummanni godinichaa qabu adda baafamuu kaasanii isaaniis rakkoolee bu’uuraalee misoomaafi bishaanii ta’uu eeraniiru.Uummanni godinichaa waggaa tokko lama booddee rakkoo bishaanii kan dubbatu osoo hin taane uummata Booranaa asii bahee biyya ollaa jiru iyyaafatee kan bishaan obaasu akka ta’u abdii guddaan qaba jedhan.Bishaan Booranaaf fidaa jirru kun Mooyaleetti hin dhaabbatu hin ce’a jedhanii, uummata asii qofa osoo hin taane uummata achii obaasuuf garaa bal’ina, yaadaafi mul’ata bal’aan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.Waggaa lama dura wayita gara godinichaa dhufan gaaffii guddaan gaaffii bishaanii akka ture yaadachiisanii, kun yeroo ammaa jijjiiramee dachee miidhagaa akkasii arguun keenya eebba keessan irraa ka’eetu jedhan.Gadaan quufaafi gabbina kan jedhu jecha qofa ta’ee hin hafu kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mootummaan Boorana jijjiiruuf halkaniifi guyyaa akka hojjetu ibsanii, waadaa isaa kana raawwachuuf amantaa guutuu qabaachuu dubbataniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.#Oromia #Ethiopia