Rakkoo bishaanii godinichaa hiikuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Godina Booranaatti rakkoo bishaanii hiikuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Dooktar Abiy Ahimad Godina Booranaa aanaa Goomoleetti pirojektii Finnaa Dasee Gooraa daawwataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana hongeen naannawichatti uumamee ture namootaafi beellada fixuu; hiyyummaa babal’isuu fi rakkoo garaagaraa uumee aka ture yaadachiisaniiru.Keessattuu waggaa sadan har’aa gaafa naannawicha dhufan hongeen loon naannoo miiliyoona sadii ta’an fixuu kaasaniiru.Rakkoon uummata Booranaa rakkoo bishaanii waan ta’eef mootummaan rakkoo kana hiikuufii qaba jennee murteessinee godinichatti Finnaa gara 18 hojjenneerra jedhan.Pirojektii Finnaa Dasee Goraa qofa irraa guyyaatti loon kumni 100 fi kuma 50 ta’an akka gargaaraman kaasanii, pirojektichi bishaan dhugaatiifi qonnaaf illee akka gargaaru eeraniiru.Kana malees bishaan qulqulluu fagoorraa fidaa jirra jedhaniiru.Booranni magariisa ta’ee, qonnaan guutee, loon quufanii akkasumas uummanni gammadee arguutti baayee gammaduu ibsaniiru.Jalqabbii gaariitu jira malee hojiin hojjetame gahaa miti kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, naannawaa kanatti Finnaa akka kanaa 30 oltu barbaachisa jedhan.Uuummanni Godinichaa hiyyummaa keessaa bahuu akka danda’uuf mootummaan karoorsee kallattii kaa’ee hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.#Oromia #Ethiopia