Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Aadaa Booranaa eebbisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Giddugala Aadaa Booranaa eebbisaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, magaalaa Yaa’aballootti kan argamu Giddugalli Aadaa Booranaa guyyaa har’aa eebbifamuu ibsaniiru.Dhagaan bu’uuraa giddugalichaa bara 2013 Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon kaa’amuufi gurgurtaa kitaaba Ida’amuun kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.Giddugalichi lafa heektaara 57.6 irra kan qubate ta’uus kaasaniiru.‎Giddugalli kun sirna gadaa agarsiisuuf haala addaan diizaayin kan godhame ta’uufi galma walga’ii yeroo tokkotti hanga namoota kuma 2 keesummeessuu danda’uufi godambaa hambaalee kan hamate ta’uu eeran.Giddugalichi aadaa, seenaafi falaasama uummata Booranaa dhalootatti ceesisuuf qooda olaanaa qabaachuus ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia