Finfinnee, Caamsaa 19, 2018 (FMC) – Poolisii humna namaan gahoomsuufi hojimaataan ammayyeessuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, gamaaggama xumuraa hojiilee riifoormii karoora guyyoota 100 hoggantoonniifi miseensonni poolisii magaalichaa gaggeessan irratti argamuun jajjabeessuu ibsaniiru.Dhaabbata bilisaa ta’ee imaanaa seeraafi uummataan itti kenname haalaan bahatu cimsuuf hojjetamaa jira jedhan.Akkasumas humna namaan gahoomee fi hojimaataan kan ammayya’ee akka ta’uuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.Bulchiinsi fi uummanni magaalichaa dogoggoroota tokko tokko uuman fi maqaa dhaabbatichaafi miseensota poolisii balleessan sirreessuun, gaarii warreen hojjetan jajjabeessuun hojii hojjetamu kan deeggaran ta’uus mirkaneessaniiru.#Oromia #Ethiopia