Maree jajjabeessaa Ameerikaa fi Iraan giddutti eegalame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018(FMC)- Yaada maree araaraa Ameerikaa fi Iraan gidduutti geggeeffamuuf dhiyaate irratti adeemsawwan abdachiisoon gama lachuun akka mul’achaa jiru jette Paakistaan. Paakistaan kana kan beeksiste Ajajaan Humna Waraanaa ishee Fiildi Maarshaal Asiim Muniir daawwannaa guyyaa tokkoo Ameerikaa fi Iraaniin walitti fiduu kaayyeffate Teeraanitti erga geggeessanii booda.Waraanni Paakistaan daawwannaa kana ilaalchisee ibsa baaseen, Fiildi Maarshaal Asiim Muniir Pirezidaantii Masuud Peezeeshkiyaan, Ministira Dhimma Alaa Abbaas Araagichii fi maree araraa kanatti gama Iraaniin kan bakka bu’an Baagaar Qaliibaaf waliin mari’ataniiru jedhe.Maree yeroo lammaffaa geggeeffame kanaan Ameerikaa waliin yeroo fhumaaf mari’achuufi naannawichatti nagaa buusuuf Aanga’oota Iraan waliin mari’ataniiru.Maree kanaan yaada araaraa dhiyaate irratti adeemsawwan jajjabeessoon mul’achuu Waraanni biyyattii beeksiseera.Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoos gama isaaniin waraana Baha Giddugaleessaa nagaan xumuruuf mareen adeemsifamaa jiru fooyyee argisiiseera jedhan.Iraan gama isheen jeequmsi naannawichatti mudate nagaan akka xumuramuuf qooda fudhattoonni gara mareetti akka dhufaniif ga’ee Paakistaan ba’achaa jirtu dinqisiifachuu Anaadooluun gabaaseera.Mikiyaas Ayyalaatiin