Inniisheetiiviin misooma beelladaa rakkoo dinagdee uummatichaa bu’uurarraa furuun akka danda’amu mirkaneesseera – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 15, 2018 (FMC ) – Inniisheetiiviin misooma beelladaa qonnaan bulaan hojiirra oolchaa jiru rakkoo dinagdee uummatichaa bu’uurarraa furuun akka danda’amu mirkaneesseera jedhan Dooktar Abiy Ahimad. Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon warshaa oomisha Seeraamikaa Giraandiyur magaalaa Mojootti ijaarame eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.Dooktar Abiy sirna kana irratti akka dubbatanitti hojiin inniisheetivii misooma beelladaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa keessatti daawwatan yoo cimee itti fufe, carraa hojii uumuu bira darbee rakkoo dinagdee uummatichaa bu’uura irraa furuun akka danda’amu ragaa guddaa dha. Ilaachi horsiisa lukkuu fi looniirratti jiru jijjiiramuu akka qabu kan dubbatan Dooktar Abiy, guyyaatti killeewwan fi aannan liitira miliyoonotaan lakaa’aman oomishuun yoo danda’ame galii warshaaleen argamsiisanii gadi akka hintaane ibsaniiru. Jalqabbiin gama kanaan jiru abdachiisaa ta’us ammas hojii baay’ee akka gaafatu hubachiisan.Gama hojii qonnaanis jalqabbiin tiraakteraan fayyadamuu gaarii ta’us, hanga sangaadhaan qotuun itti fufee jirutti garuu hojjedhe jedhanii yaaduun sirrii akka hintaane kaasan.Qonnaan bulaan mala boodatti hafaa kana keessaa ba’ee hanga maashineeraan oomishuun galii isaa caalaatti guddifatutti hojii guddaa akka gaafatus hubachiisan.Yoonaataan Biraanuutiin#Oromia #Ethiopia