Liiziin Siinqee Humna Faayinaansii Ceโ€™umsa Indaastirii Oromiyaati- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC)- Liiziin Siinqee Humna Faayinaansii Ceโ€™umsa Indaastirii Oromiyaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.;Pireezidaantii Shimallis Abdiisaan Sagantaa Ifoomsaa Liizii Siinqeefi Asxaa haaraa Dhaabbaticha ifoomsuu sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.๐’๐ˆ๐ˆ๐๐๐„๐„ ๐‹๐ˆ๐ˆ๐™๐ˆ๐ˆ: ๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐š ๐…๐š๐š๐ฒ๐ข๐ง๐š๐š๐ง๐ฌ๐ข๐ข ๐‚๐žโ€™๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐šHar’a Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaanitti argamuun hundeeffama ๐—ฆ๐—œ๐—œ๐—ก๐—ค๐—˜๐—˜ ๐—Ÿ๐—œ๐—œ๐—ญ๐—œ๐—œfi asxaa haaraa dhaabbatichaa ifoomsineerra.Dabalataanis, meeshaalee kaappitaalaa murteessoo taโ€™an intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaatiif dabarsinee kennineera.Utaalchoon โ€œOromia Capital Goods Finance Business S.C.โ€ irraa gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, kan maqaafi asxaa qofa osoo hintaane, jijjiirama tarsiimaโ€™aa dhaabbatichaati.Moggaasni maqaa fi asxaa haaraan muldhataafi kaayyoo baldhaa, eenyummaa sabaa cimaafi ergama ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ waliin kallattiin kan walsimudha.Ceโ€™umsi gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, qaama riifoormii โ€˜๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ผ๐˜ƒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ถ๐—ด๐—ป ๐—™๐˜‚๐—ป๐—ฑโ€™ dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuuf taasifameeti.Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kanaan dhaabbilee faayinaansii kopha-kophaa fi gargar turan hambisuun, sanyii faayinaansii qindaaโ€™aafi rudaa tokko uumuu dandaโ€™eera. Kanaaniis sirnakkoon faayinaansii ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ guutuu ta’e ijaarameera:โ€ข ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ.๐—–.โ€ข ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—Ÿ๐—ถ๐—ถ๐˜‡๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ.๐—–.โ€ข ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—œ๐—ป๐˜€๐—ต๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜€๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ.๐—–.โ€ข ๐—•๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ธ๐—ถ๐—ถ ๐—œ๐—ป๐˜ƒ๐—ฎ๐˜€๐˜๐—ถ๐—บ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฆ.๐—–.Qindoominni kun amantaa ummanni dhaabbaticha irratti qabu daran kan cimsu, yaa’insa maallaqaa haqa qabeessa, sochii gabaa saffisaafi humna faayinaansii jabaa ijaaruuf kan nudandeessisuudha.Galmi keenya tarsiimaโ€™aan, dinagdee naannoo keenyaa ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ (consumption) irraa gara ๐—ฑ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ด๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ (production) ceesisuudha.Dargaggoonnifi intarpiraayizoonni keenya gaheen dinagdee keessatti qaban quucaree turuun isaa fedhiifi kutannoo hojii waan dhabaniif miti; sirni faayinaansii dhiyeessii meeshaalee kaappitaalaafi teeknoolojii, gabbina ogummaafi dhaweessummaa, akkasumas guddina intarpiraayizootaaf diriire waan hinturreefi.Gareen Siinqee, Addatti ammoo Siinqee Liizii fala tarsiimaโ€™aa hudhaa caasawaa dinagdee kanaati.๐—œ๐—ป๐—ถ๐˜€๐—ต๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ๐˜ƒ๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—œ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐˜€๐˜๐—ถ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐—š๐—ผ๐—ฑ๐—ผ๐—ผ keenyas dhaabbata kana malee kan lafa qabatu hinturre. Sochiin gama kanaan taasisaa jirru gamanumaa guddina qabatamaa galmeessisaa jira.โ€ข ๐—๐—ถโ€™๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐Ÿญ๐Ÿฌโ€™๐—ป darban keessa intarpiraayizoota indastirii godoo ๐Ÿด๐Ÿฏ๐Ÿฒ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa ๐Ÿฒ,๐Ÿฑ๐Ÿฌ๐Ÿฎ gatii ๐—ฏ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐—ฏ๐—ถ๐—น. ๐Ÿฏ ๐—ผ๐—น ol itti bahe karaa dhaabbata kanaa dhiyeessineera.โ€ข ๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐—ฟโ€™๐—ฎ๐—ฎ๐˜€ waldaalee ๐Ÿฎ๐Ÿฎ๐Ÿฐ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa murteessoo ๐Ÿญ,๐Ÿฌ๐Ÿฒ๐Ÿฏ dabarsineerra.Sochiin hanga ammaa taasifne jalqabbii qofa; ๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎโ€™๐˜‚๐˜‚ MNO waggoota shanan dhufaniitiin, oomishtummaa, ogummaafi dhaweessummaa dargaggootaafi intarpiraayizoota keenyaa irratti hojjechuun ceโ€™umsa gara dinagdee indastiraawaatti taasifamu sadarkaa amansiisarraan kan geenyu taโ€™a.Moggaasni maqaa akkasumaan tasa hinkennamu. Gareen faayinaansii kana maqaa ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฒ๐—ฒ jedhuun moggaasuun keenya ittiyaadameeti.Jechi kun seenaafi aadaa ummata Oromoo keessatti hiika gadi fagoo kan qabudha. Siinqeen mallattoo kabajaa, eegumsaa, haqaafi walsima hawaasummaati.Harโ€™a falaasama adoo kana gara ijaarsa jaarmiyaalee faayinaansii ammayyaa fullaโ€™iinsa qabaniitti madaqsaa jirra.Kana malees, maqaa daangaa naannoo keenyaa ceโ€™ee, sadarkaa biyyoolessaafi idil-addunyaatti dorgomuufi baldhachuuf isa dandeessisu taโ€™uu waan qabuuf kan kennamedha.Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce’umsa dinagdee naannichaa dhugoomsuuf dhimmoota afur addatti qindeessaa jira.1. Iddoo indastirii gurguddaan itti simataman kanneen akka Zoonii Dinagdee Seektar-danuu Gadaafi paarkiilee indastirii2. Magaalotaafi godinootatti sirnakkoo invastiment mijeessuu3. Galteewwan indastirii biyya keessaatti baldhinaan omishuu4. Dargaggoota ogummaa hidhachiisufi dhaweessummaa goonfachiisuu๐—˜๐—ด๐—ฒ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—ข๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ณ๐—ถ ๐—ž๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐—พaan Ifa!Kanaaf hirkoo amasiisaa kan ta’e humna faayinaansii Siinqee Liizii jedhamu ijaarrerra.๐—ฆ๐—œ๐—œ๐—ก๐—ค๐—˜๐—˜ ๐—Ÿ๐—œ๐—œ๐—ญ๐—œ๐—œ – Maashinoota Ammayyaa. Dhaabbilee Ciccimoo. Ceโ€™umsa Indastirii.