Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC)- Waggootta 22 booda Shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingiliiz kan ta’e Arseenaal har’a Waancaa isaa fudhata.Arsenaal waggoota dorgommii sadan darban walitti aansuun liigicharraa sadarkaa 2ffaa kan xumure bara kana Taphi tokko osoo hafuufi Shaampiyoonaa ta’uu isaa mirkaneeffachuun ni yaadatama.Leenjisaa Mikeel Arteettaan kan durfamu Kilabni Kaaba Landan, Har’a galgala sa’aatii 12:00 irratti dirree isaan ala imaluun tapha xumuraa Kiristaal Paalaas waliin ni taphata.Karra eegaan Arsenaal Deevid Raayaa, tapha har’a kanaan galchiin tokko osoo itti hin lakkoofsifamiin bahuuf dirre seena.Deevid Raayaa tapha kanaan galchiin kan irratti hin lakkaa’amne yoo ta’e, dorgommii liigichaa bara kanaan karra eegaa taphoota 20’n galchiin tokko irratti hin lakkaa’amne isa jalqabaa ta’a.