Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC)- Waggoottan Shanan darban pirojektoonni kuma 96 ijaaramuun tajaajiila kennaa jiru jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.Gamoon Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa guyyaa har’aa eebbifameera.Sagantaa eebbicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa dabalatee Afayaa’ii Ittaantuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoo, Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Afyaa’ii Ittaanaa Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa dabalatee anga’oonni mootummaa olaanoofi keessummoonni kabajaa argamaniru.Obbo Kafaaloo Tafarraa saganticharratti haasawa taasisaniin, Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa aadaa dilbii qabdu, biyya seenaa injiifannoo yeroo dheeraa qabdu ta’u himuun, haa ta’u malee sirnoonni durii biyya kana hiyyuummaa keessaa baasuu hin dandeenye jedhan.Motummaan jijjiirama gama siyaasaan cabiinsa siyaasaa wal’aanuun biyya diigamsarraa baraaruu himaniiru.Godinni shawaa bahaas qamadii biyya alaatti erguun hojii seena qabeessa hojjechuu kaasaniiru.Waggoottan shanan darban akka naannoo OromiyaattiPirojeektonni kuma 96 ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’uu himaniiru.Kanaa keessaa % 72 hirmaanna uummatan kan ijaaraman ta’uu obbo Kaffaaloon dubbataniiru.Gamoon bulchiinsaa kun yaadannoo siidaa gootoota keenyaati kan jedhan immoo Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu waaqooti.Gamoon Bulchiinsa Godinichaa akkaataa duudhaa fi aadaa Oromoo eegeen kan ijaarame abbaa darbii 6, Wiirtuu kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) fiWaajjiraalee 23 qabaachuun ibsameera.Hawwii Fiqaaduutu gabaase.