Ayyaanni Iid Al-Adahaa( Arafaa) kabajamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 19, 2018 (FMC) – Ayyaanni Iid Al-Adahaa( Arafaa) kumni 1 fi 447ffaan kabajamaa jira.Ayyaanichi guutuu biyyattiitti sirnoota amantichaa garaagaraan kabajamaa jira.Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hordoftoota amantichaa biyya keessaafi ala jiraataniif ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.Hordoftoonni amantichaas ayyaanicha namoota harka qalleeyyii deeggaruun fi duudhaa amantichaa eeguun akka kabajan waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia