Buufatalee filannoo magaalaa Jimmaa fi Aanaa Dedootti bu’aan sagalee yeroo maxxanfamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC) – Buufatalee filannoo magaalaa Jimmaa fi Aanaa Dedootti bakkeewwan lakkaawwiin xumurameetti bu’aan sagalee yeroo maxxanfamaa jira.Buufataalee kanneenitti bu’aan sagalee ummataa kan yeroo maxxanfamuun haawaasnis bu’aa sagaleesaa ifoomee buufataalee filannootti argamuun daawwachaa jiru.Naannoo Filannoo Jimmaa buufataalee filannoo 117’tti bu’aan filannoo yeroo maxxanfamaa jira.Aanaa Dedoottis buufataalee filannoo adeemsi lakkaawwii sagalee itti xumurametti bu’aan filannoo kan yeroo maxxanfamaa jira.Jiraattoonni Aanaa Dedoo filannoon waliigalaa 7ffaan nagaan xumuramuu isaatti gammaduu dubbatan.Muktaar Tamaamii fi Na’imaa Shekaliifatiin#Oromia #Ethiopia