Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 ( FMC) – Itiyoophiyaanoonni filatan! Itiyoophiyaan injifatte jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa. Tajaajilichi Filannoo waliigalaa 7ffaa kaleessa geggeeffame ilaalchisee ibsa har’a baaseen, Itiyoophiyaan waan lammilee ishee irraa barbaadde hundaa yeroo fi haala barbaaddetti biyya argattu ta’uu ibse. Lammiilee waan biyya isaaniitiif gaafataman hundaa kennuuf duubatti hin deebine waan qabdduf baay’ee kan boontu ta’uus eere. Akka ibsa Tajaajilichaatti, Adwaa irraa kaasee hanga Hidha Guddicha Haaromsaatti, wal-gargaarsa lammiilee irraa kaasee hanga Ashaaraa Magariisaatti hirmaannaa lammiilee gaafattee, hawwii ishee olitti milkaa’eraafi. Har’as kan irra deebi’ame kanumaadha. Itiyoophiyaan dimookiraasii Itiyoophiyaanummaa lafa qabsiisuu, filannoo ifa fi dimookiraasawaa ta’een mootummaa filachuu fi heera mootummaaf bu’uura jabaa lafa qabsiisuu barbaaddi. Kanaafis filannoo biyyaalessaa 7ffaa akka carraa guddaatti itti fayyadamuu ishee barbaachisee ture. Lammiileen miiliyoona 54 ol ta’an galmaanii filannicha eeggachaa akka turan kan yaadachiise Tajaajilichi, waamicha biyyaa fudhachuun guyyaa beellamaatti ba’anii filachaa ooluu kaase. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti lammiileen sa’aatii dheeraadhaaf hiriiranii sagalee kan kennan ta’uun isaatiin filannoo addaa akka ta’es eereera. “Filannoon kun akka hin gaggeeffamneef diinoonni keessaa fi alaa wal-ta’anii boolla isaan hin qonne, gufuu isaan hin keenye hin turre; haa ta’u malee, Itiyoophiyaa waamicha isheetiif Itiyoophiyaanota biyya jaallataniif waan hin danda’amne hin turre waan ta’eef milkiin xumurameera; Itiyoophiyaanonni karaa nagaatiin filatanii Itiyoophiyaan mo’atteetti,” jedheera. Lammiileen waamicha filannoo dimookiraasii Itiyoophiyaa fudhachuun barii irraa hanga halkaniitti filachuun deebii kennaniif, sirni Heera Mootummaa akka cimuu fi lammileen nagaadhan akka filataniif naannoo mijataa kan uuman qaamolee nageenyaa, odeeffannoo wayitawaa fi sirrii ta’e yeroo yeroon dhiyeessaa kan turan Dhaabbilee miidiyaalee akkasumas adeemsa filannichaa kanneen gaggeessan, qindeessitootaafi taajjabdoota hunda Itiyoophiyaan ni galateeffattis jechuun ibsa isaa xumureera.#Oromia #Ethiopia