Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Kaardii fudhanneen sagalee kennuun hirmaannaa keenya mirkaneessina jedhan Dargaggootni Magaalaa Dirre Dhawaa.Filannoo waliigalaa 7ffaaf kaardii fudhanneen sagalee kennuun itti gaafatamummaa keenya bahuuf qophoofnerra jedhan jedhan dargaggoonni magaalattii.Sagalee isaaniin paartii isaaniif ta’u filachuun ijaarsa sirna diimokiraasii mirkaneessuu fi biyya cichoomsuuf guyyaa boruu hawwiin eegaa jiraachuu kaasuu ENA’n gabaaseera.Filattoonni miiliyoonni 54 fi kumni 57 fi 871 filannoo guyyaa boruu gaggeeffamuuf sagalee kennuuf galmaa’uun kan yaadatamuudha.#Oromia #Ethiopia