Gamtaan Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii taajjabdoota kuma 4 fi 97 ol filannoof…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Gamtaan Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa taajjabdoota kuma 4 fi 97 filannoo waliigalaa 7ffaaf naannolee hundarratti bobbaasuuf qophii xumure jedhe.Gamtichi ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen akkaataa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaarraa beekamtii argateen Filannoo Waliigalaa 7ffaa guyyaa boruu gaggeeffamu kan taajjaban namoota kuma 4 fi 97 bobbaasuuf qophii xumureera.Taajjabdoota kuma 4 fi 97 dhaabbilee miseensa gamtichaa 101 irraa walitti babba’an bobbaasuuf qophii xumureera jedhe.Taajjabdoota dhaabbii kuma 3 fi 301, akkasuma taajjabdoota so’achuun daawwatan kuma 1 fi 60 kan bobbaasu ta’uu eere.Gabaasni taajjabdoonni kunneen dhiyeessan sirna ammaayyaa diriirfameen qofa ta’uu ibse.Haala jiru ilaalchise guyyaa walakkaa ibsa sadarkaa jalqabaa fi gabaasa kan kennu ta’uu himeera.#Oromia #Ethiopia