Filannoon marsaa torbaffaan kan nageenya biyyaa fidu waan ta’eef hundii keenya baanee filanne – Abbootii Amantaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018(FMC) – Filannoon marsaa torbaffaan kan nageenya biyyaa fidu waan ta’eef hundii keenya baanee filannee jedhu abbootiin amantaa aanaa sokorruu buufata Qumbiitti filannoof ba’an.Abbootiin amantaa kunneen nageenyaa fi tasgabbii biyyaaf yeroo hundaa kan hojjetan ta’uu himanii, paartii injifatee biyya bulchuuf gonfoo fudhatu waliinis tokkummaan kan hojjetan tauu himaniiru.Abbootiin amantaa kunneen dhiibbaa tokko malee bilisaan sagalee isaanii kennuu himaniiru.Itiyoophiyaan Filachaa jirti! Abdurramaan Mahaammadtu gabaase#Oromia #Ethiopia