Filannoon agarsiiftuu dagaagina sirna dimookiraasiiti – Paartilee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Filannoon agarsiiftuu dagaagina sirna dimookiraasiitii jedhan Paartileen Siyaasaa Naannoo Harariitti filannoo marsaa 7ffaaf dorgaman.Guyyaan har’aa ltiyoophiyaan seenaa hojjechaa jirti, qaama seenaa kana taanee filannoo dimookiraatawwaa, nagaa fi haqa qabeessa ta’e kanarratti hirmaachuu keenyaan nuti carraa qabeeyyiidha jedhan Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa.Dimookiraasiin adeemsaadha, filannoon har’a biyya keenyatti gaggeeffamaa jirus imala dagaagina sirna Dimookiraasii biyya keenya mul’isa jedhan kaadhimamaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Paartii Walqixxummaa fi Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itiyoophiyaa Naannoo Hararii obbo Asifaachoo Baalchaan.Guddinni sirna Dimookiraasii biyya keenyaa fooyya’insa gaarii agarsiisuu isaan carraa kana argachuu keenyatti baay’ee gammadneerra jedhan Bakka buutuun Mana Maree Naannoo Hararii, Paartii Tokkummaan Itiyoophiyaaf fi Walitti qabduun Mana Maree Waloo Paartilee Naannoo Hararii Aadde Hasanat Muummeen.Sagalee Uummata keenyaa kabajuun dirqama jedhan Kaadhimamaan Paartii Wal Qixxummaa fi Bilisummaa Abdulhaafiiz Ahamed.Filannoon nagaa qabeessaa fi dimookiraatawwaan gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan ammoo kaadhimamaan Paartii Dhaabbata Dimookiraatawwaa Hararii obbo Huseen Suleemaan.Filannoo nagaa, haqa qabeessaa fi Dimookiraatawwaa, akkasumas hirmaachisa ta’e gaggeessuun guddina sirna Dimookiraasii biyya keenyaaf abdachiisaadha jedhan Paartileen kunneen.Hinkoosaa Abdiisaa