Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC) – Buufataaleen Filannoo kumni 50 fi 188 yeroon banamaniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa.Walitti-qabduun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu adeemsa filannichaa ilaalchisuun yeroof ibsa kennaniin, buufataaleen Filannoo kumni 50 fi 188 yeroon banamaniiru jedhan.Buufataaleen filannoo 695 ammoo barfatanii banamuu eeranii, buufataaleen filannoo 4 sababa rakkoo nageenyaan adda cituu dubbatan.Lakkoofsi fuula filattoota karaa dijiitaalaan galmaa’anii dafee argamuu dhabuu isaan hiriirri filattootaa dhedheeraan turuu kaasanii, rakkoo kana furuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisan.Filattoonni hedduun barii irraa eegalanii baay’inaan ba’anii sagalee kennaa akka jiranis eeraniiru.Beetaliheem Mako’aannintu gabaase.