Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa oolmaa guyyaa 2ffaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) – Yaa’iin Paartiilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaan oolmaan guyyaa 2ffaa har’a itti fufee jira.Yaa’iin Paartiilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaan mata duree “Guddinaaf Hogganuu” jedhuun Finfinnee, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti taa’amaa jira.Hirmaattonni Waltajjichaa kaleessa hojiiwwan misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.Sagantaan kun hojiilee misooma magaalotaa, eegumsa naannoo, ijaarsa iddoowwan bashannana uummataa fi qindoomina magaalotaa ammayyaa irratti Finfinneen hojjechaa jirturraa muuxannoo akka qoodannu nu gargaare jedhan hirmaattoonni daawwannicharratti hirmaatan.Hoggantoota Paartiilee, hoggantootni biyyoota Afrikaa, ministirootni, hayyootaa fi bakka buutoonni hawaasa sivilii waltajjicharratti hirmaachaa jiru.Bakka bu’oonni paartiilee dhimmoota imaammata misoomaa, hojimaata hirmaachisaa fi dhimmoota biroorratti muuxannoo waliif qoodaa jiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa