Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Paartileen siyaasaa Afrikaa waadaa fi ibsa ejjennoo waltajjii paartilee siyaasaa Afrikaa marsaa 2ffaa Finfinneetti gaggeeffamerratti ragga’e hojii irra oolchuuf kutannoo qabaachuu akka qaban Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Aadam Faraah hubachiisan.Obbo Aadam Faraah sagantaa cufiinsaa waltajjii paartilee siyaasaa Afrikaa marsaa 2ffaa irratti taasisaniin akka ibsanitti, waltajjichi ittigaafatamuummaa waloo dandeettii qabatamaa Afrikaa gara badhaadhinaa fi guddina walootti jijjiiruuf gargaaruu dha. Bu’aawwan waltajjichaa gara hojii qabatamaatti jijjiiruun itti gaafatamummaa itti aanu akka ta’e cimsanii dubbataniiru.Hafuurri Ida’amuu walitti hidhamiinsa sadarkaa ardii cimsuu akka qabu kan ibsan Obbo Aadam, seenaan injifannoo Adwaa tumsa waloo gara fuulduraatiifii galmoota waliinii milkeessuuf taasifamu keessatti kaka’umsa haaraa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru.Paartiin Badhaadhinaa waadaa waltajjicharratti galame raawwachuuf kutannoo qabaachuu kan mirkaneessan Obbo Aadam Faraah, paartileen obbolaa biyyoota Afrikaa garaagaraa murtiiwwanii fi waadaawwan waltajjichaa gara hojii qabatamaatti jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru.Waltajjiin paartilee siyaasaa Afrikaa 2ffaan guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.Sagantaa cufiinsa waltajjichaarrattis waadaan waltajjichaa raggaasifamuun dhimmoota tumsaa garaagaraarratti ibsi ejjennoo ifoomeera.#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa Masaafinti Birilleen