Shira Ijipti hojjette keessaa tokko Sudaan nagaa dhowwachuudha- Dooktar Haabtaamuu Ittafaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC)- Shirri Ijipti hojjette keessaa tokko Sudaan nagaa dhowwachuudha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan.Dooktar Haabtaamuun turtii Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiin waliin taasisaniin, Qabeenya bishaanii ishee akka hin misoomnseef hojiin Ijipti gootee tokkummaa Itiyoophiyaanootaa cimseera jedhan..Itiyoophiyaan qajeeltoo waliin haa guddannuu, waloon haa misoomnuu jedhuu yeroo mara kan hordoftu ta’uu ibsaniiru.Bishaan qabeenya walooti kan jedhan Dooktar Injiinar Haabtamuun, Ijiptitti waloon hojjechuufi waloon guddachuun dhukkubbii ta’uu kaasaniiru.Ijipti hojiin ishee maqaa balleessii Itiyoophiyaarratti gaggeessaa ooluu qofa ta’uu eeraniiru.Lammiileen Sudaan Itiyoophiyaa waliin walitti hidhama hedduu kan qaban ta’uu dubbataniiru.Mootummaan Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa walinii Sudaan furuuf tattaaffii heddu taasisuu himaniiru.Akkasumas, Mootummaan Itiyoophiyaa gatii gadii aanaan humna ibsaa Sudaaniif dhiyeessaa turuus yaadachiisaniiru.Haa ta’u malee ajandaan isaan tibba kana, gaaffiin Naayili dhimma Sudaaniifi Ijipti qofaa miti jedhu afarsuun xiyyeeffannoo barbaachaa jiraachuu isaanii kan mul’isuudha jedhan.Dhimmi Sudaan waliin jiru bishaan qofaa osoo hin taane guddinni fi sochiin diinagdee Itiyoophiyaan taasisaa jirtu sodaa keessa waan isaan galchuuf ta’uu kaasan.Ijipti ummanni Sudaan Bishaan gara Sudaan deemuutti sirnaan akka hin fayyadamne gochaa jiraachuus eeraniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaaTsahaay Gulummaatiin.