Yaad-rimeen Ida’amuu obbolummaa Afrikaanotaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba – Dooktar Biqilaa Huriisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Yaad-rimeen Ida’amuu Itoophiyaa bira darbee tokkummaa fi tumsa biyyoota Afrikaa cimsuun obbolummaa ummattootaa guddisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Hariiroo Ummataa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Huriisaa ibsan.Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaan, mata-duree “Misooma Dursuu: Paartileen Siyaasaa Arkiteektoota Diinagdee Egeree Afrikaa” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaa keessatti gaggeeffamaa jira.Dooktar Biqilaa Huriisaa akka ibsanitti, yaad-rimeen Ida’amuu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaada maddisiisuun hojii irra oole dameewwan hundaan bu’aa argamsiisaa jira.Yaad-rimeen Ida’amuu Itoophiyaa bira darbee sadarkaa Afrikaattis bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu kaasuun, sadarkaa ardichaatti yaad-rimeewwan jireenya lammiilee jijjiiran hojii irra oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Paartileen biyyoota Afrikaa keessatti sagalee caalmaa argatanii mootummaa hundeessan jireenya ummattoota isaanii jijjiiruuf kutannoon hojjechuu akka qabanis cimsanii hubachiisaniiru.Waltajjicharratti jijjiiramoonni yaad-rimee Ida’amuu Itoophiyaatti hojiirra ooluu isaatiin dhufan dhiyaachuu fi biyyoonni Afrikaa muuxannoo kana irraa barachaa jiraachuu dubbachuu isaanii ENAn gabaaseera.Yaad-rimeen Ida’amuu Itoophiyaa bira darbee tokkummaa, tumsa biyyoota Afrikaa fi hariiroo ummata irraa gara ummataatti jiru guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti waltajjiiwwan idil-addunyaa hedduu keessummeessaa jiraachuu kaasanii, konferensiiwwan idil-addunyaa 250 ol biyyattii keessatti gaggeeffamuun Itoophiyaan nageenyaa fi keessummeessummaa waltajjiiwwaniif filatamtuu ta’uu ishee kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.Turizimii konferensii guddisuu, hariiroo ummata irraa gara ummataatti biyyoota Afrikaa cimsuu akkasumas hojiiwwan diploomaasii guddisuu keessatti waltajjichi faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.Waltajjichi hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan Magaalaa Finfinnee fi pirojektoota misoomaa magaalattii keessatti hojjetaman daawwachuuf carraa uumuus dubbataniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa