Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himan

Wait 5 sec.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan hafe hunda "ni barbadeessina" jechuun Iraan irratti erga dhaatanii booda, Teehraan waliigaltee dhimma nukilaraa ilaallatu Waashigiteeniif erguu ibse. Rooyiters aanga'aa olaanaa Iraan tokko eeruun akka gabaasetti, yaadni waliigaltee kun karaa Qaataar Waashingiteniif kan ergame yoo ta'u, Ameerikaan haal-duree qabxii torba qabu sana yoo hojiirra oolchite qofa mariif akka dhiyaatamu ibsameera.