Biraayitan Bireentifordi injifachuun morkii isaa yoo cimsatu Cheelsiin injifatame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 10ffaa galgala kana taphatameen Biraayitan Bireentifordi injifachuun morkii isaa yoo cimsatu Cheelsiin Sandarlaandiin injifatameera.Biraayitan galchii 2 fi 0’n Bireentifoordi injifachuun liigichaan sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Cheelsiin Sandarlaandiin galchii 1 fi 0’n injifatameera.Taphoota biroon Liiverpuul galchii 3 fi 1’n Kiristaal Paalaas, Boornimaawuuz galchii 2 fi 1’n Ippisiwiich Taawoon injifateera.Daqiiqawwan muraasa booda morkiin Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa