Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Taphoota Olompikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaa Seeneegaalitti gaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan meedaaliyaa jalqabaa argatteetti.Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 2 dubartootaa gidduutti gaggeeffameen Atileet Tsaadiqaan Makoonnin 2ffaa bahuun Meedaaliyaa Meetii Itiyoophiyaaf argamsiifteetti.Akkasuma fiigicha meetira kuma 3’n Atileetoota dhiiroota gidduttii fiiggameen Atileet Gooyitoom Makonniin 2ffaa bahuun meedaaliyaa Meetii 2ffaa Itiyoophiyaaf argamsiisera.