Paarkiin Indaastirii Galaan Guuraa imala diinagdee cimaa ijaaruuf eegalleef milkaa’ina dabalataati- Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Paarkiin Indaastirii Galaan Guuraa imala diinagdee cimaa ijaaruuf eegalleef milkaa’ina dabalataati jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Paarkiin Indaastirii Galaan Guuraa boqonnaa 1ffaan guyyaa har’aa eebbisiifame imala badhaadhinaa diinagdee amansiisaafi cimaa ijaaruuf eegalameef milkaa’ina dabalataati jedhaniiru.Paarkichi bal’ina lafa heektaara 93.9 irra kan qubatu ta’uu kaasanii boqonnaan jalqabaa lafa heektaara 43 irratti ijaarame guyyaa har’aa eebbifamuu eeraniiru.Paarkichi intarpiraayizoota giddugaleessaafi olaanoof naannawaa daldalaa mijataa uumuurra darbee dargaggoota kumaatamaaf carraa hojii akka uumu kaasaniiru.‎Kana malees dandeettii oomishtoota biyyattii guddisuun oomishtummaa fi dorgomtummaa isaanii kan guddisu ta’uu eeraniiru.Oomishaalee alaa bakka bu’an oomishuun oomishtootaafi shammattoota gidduutti walitti hidhamiinsa daldalaa kallattiifi si’ataa uumuun akkasumas oomishaalee gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa biyya keenyaa guddisuuf qooda olaanaa bahata jedhan.#Oromia #Ethiopia