Bunni Sidaamaa Aarbaa Minci injifachuun imala gara Waancaa cimsate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 33ffaa har’a taphatameen Bunni Sidaamaa Aarbaa Minci injifachuun imala gara Waancaa cimsateera.Bunni Sidaamaa taphoota sadi walitti aansuun erga injifatamee har’a gara injifannootti deebi’eera.Har’a galchii 3 fi 0’n Aarbaa Minci injifachuun morkii imala gara waancaa cimsateera.Aarbaa Minci ammoo yaaddoon gara liigii olaanaatti bu’uuf qabu bal’ateera.Tapha biroon magaalaan Adaamaa Yuuniversiitii Walwaaloo Addigraat waliin galchii malee qixa xumureera.Kana hordofee magaalaan Adaamaa qabxii 39’n sadarkaa 16ffaarra turuuf dirqameera.Sa’aatii muraasa booda morkiin Nageellee Arsiin Midira Gannat Shiree waliin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taasisu ni eegama.Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 58’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 51’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.Aarbaa Minci qabxii 29’n, Maqalee 70 Indaartaan qabxii 34 fi Dirre Dhawaan qabxii 35’n kilaboota sarara gadii keessa jiraniidha.Taphoonni torbee 34ffaa Caamsaa 20, 2018 eegalanii taphatamu.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia