Adeemsa sagalee filannoo kennuu…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Adeemsi sagalee kennuu buufataalee filannoo hundarratti akkaataa murtee boordii filannoon sa’aatii walfakkaatu eegala.Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffama.Buufataalee filannootti wayita adeemsi kenniinsa sagalee eegalu, bakka buutoonni Paartilee fi kaadhimamtoota dhuunfaa, taajjabdoonni ummataa, raawwachiiftoonni filannoo fi qindeessitoonni ni argamu.Itti gaafatamaan Buufata Filannoo saanduqni sagaleen filannoo itti kennamu duwwaa ta’uu qaamolee kanneeniif erga mirkaneesseen booda haala jalqabbii isaa qaboo yaa’iin uunkaa hojii kanaaf Boordii Filannoo Biyyaalessaan qophaa’erratti guutamuun adeemsi sagalee kennuu eegala.Buufataaleen filannoon adeemsi sagalee kennuu eegaluun dura naannawicha eegumsaa fi nageenya amansiisaa qabaachuun isaa mirkanaa’uun hojiin sagalee kennuu eegala.Boordichaan murtoon addaa kennamu yoo jiraate malee, adeemsi sagalee kennuu ganama sa’aatii 12 hanga galgala sa’aatii 12tti qofa ta’a.Sa’aatii itti sagaleen kennamuu eegalu ilaalchisee yoo murtoon addaa kan jiraatu ta’e, yoo xiqqaate guyyoota lama dura ummataaf ifooma.Adeemsi sagalee kennuu akkuma xumurameen buufataaleen filannoo ni cufamu.Ta’us ummanni sagalee kennuuf mooraa Buufataalee filannoo keessa jiran sagalee kennuu qabu.Haa ta’uutii boordichi haqa qabeessummaa fi bilisummaa filannoo caalmaatti mirkaneessa jedhee yoo amane sa’aatii sagaleen itti kennamu dheeressuu danda’a.Buufataaleen filannoo osoo hin banamin duras ta’e adeemsi sagalee kennuu xumuramee erga cufamaniin booda, raawwachiiftoota filannoo, koree komii ummataan filataman, bakka buutoota kaadhimamtootaa fi taajjabdoota ummaataa eeyyama qabaniin ala buufataalee filannoo seenuun dhorkaadha.#Oromia #Ethiopia