Itiyoophiyaa Gara Wiirtuu Diinagdee fi Geejjiba Addunyaatti…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa7, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan dursa seenaa aviyeeshinii Afriikaa keessatti qabdu gara sadarkaa olaanaatti kan ceessisuu fi humna diinagdee ishee kan jijjiiru boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jirti.Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu baasii doolaara biiliyoona 12.5 ta’uun hojjetamaa jiru, Itiyoophiyaa kaartaa daldalaa fi imala addunyaa irratti filannoo duraa kan taasisu mootora diinagdee tarsiimawaa dha.Buufanni Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee waggaatti namoota miiliyoona 25 qofaaf tajaajila kan kennu yoo ta’u, Buufanni Xayyaaraa Bishooftuu garuu yeroo boqonnaan jalqabaa xumuramu namoota miiliyoona 60, boqonnaan lammataa yoo xumuramu ammoo namoota miiliyoona 110 simachuu danda’a.Kunis buufataalee xayyaaraa akka Atilaantaa (imaltoota miiliyoona 100 fi miliyoona 6 ol) fi Dubaayi (miiliyoona 95 ol) waliin hiriiruun, Itoophiyaa wiirtuu quunnamtii addunyaa ishee ijoo taasisa.Buufatichi olka’iinsa galaanaa gadi aanaa irratti kan ijaaramu waan ta’eef, xayyaaronni fe’umsa ulfaataa fi boba’aa hedduu baatan salphaatti akka ka’an kan dandeessisuu fi sochii daldalaa kan ariifachiisuu dha.Pirojeektichi wiirtuulee daldalaa, hoteelota sadarkaa idil-addunyaa fi wiirtuulee loojistiiksii kan hammate waan ta’eef, carraa hojii dhaabbataa uumuu fi invastimantii alaa harkisuu keessatti gahee olaanaa qaba.Misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf meeshaalee nageenyaa naannoo eeganitti fayyadama. Miinistirri Geejjibaa fi Loojistiiksii dhiyeenya kana konkolaattota elektiriikiin hojjetan 92 hojii ijaarsaa kanaaf bobbaasuun isaa kanumaaf ragaadha.Walumaagalatti, pirojeektii guddaan Bishooftuu kun yoo xumuramu, Itiyoophiyaan balbala Afriikaa ta’uun diinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumuu ishee gara sadarkaa haaraatti kan ceessisu tarkaanfii guddaadha.Soosinnaa Alamaayyoon#Oromia #Ethiopia