Finfinnee, Caamsaa7, 2018 (FMC)- Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Itiyoophiyaan madaaliyaa warqee lammaffaa argatteetti.Dorgommii xumuraa fiigicha meetira 800 dubartootaan atileet Misgaanaa Haayiluu dursummaan xumuruun Itiyoophiyaaf madaaliyaa warqee lammaffaa argamsiisteetti.Haaluma walfakkaatuun utaalchoo olee dubartootaan atileet Batsaloot Alamaayyoo sadarkaa 3ffaan xumuruun Itiyoophiyaaf madaaliyaa nahaasaa argamsiisteetti. Atileetiin kan biraa dorgommii kana irratti hirmaatte Saaraa Nyigiwoo sadarkaa 5ffaa qabaachuun xumurteetti.Warqinah Gaashaawutu gabaase.#Oromia #Ethiopia