Finfinnee, Caamsaa7, 2018 (FMC)- Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa Itiyoophiyaan biyya afaanii fi eennummaa daneessummaan miidhagdee dha jedhan.Torbeen Aadaa fi Afaanii Biyyaalessaa Ministeerri Aadaa fi Ispoortii mataduree ”Misoomni Aadaa, Tokkummaa Sab-daneessummaaf” jedhuun qopheesse har’a eegalameera.Sagantichi hoggantoonni olaanoon mootummaa, keessummoonni afeeraman, jilli naannoolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa lamaan irraa walitti baba’an bakka argamanitti har’a ifatti banameera.Shawiit Shaankaa wayita kana akka dubbatanitti, sagantichi Itiyoophiyaa eenyummaa fi afaan daneessummaan miidhagde addunyaatti beeksisuu kan kaayyeffatee dha.Sagantaan guyyoota shaniif turu kana irratti aadaan, afaan, ogaartiin, ogummaan harkaa, bu’aaleen miidhaginaa fi dudhaaleen aadaa sabootaa fi sab-lammootaa ni dhiyaatu.Meeroon Fallaqaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia